Nagaa Guutuu Waaqtolaa Caalaa (Dr)

Br350.00

Add to Wishlist
Add to Wishlist

Description

Nagaa Guutuu
Dhala nama miti bineensa Dagalafuuu nagaan baay’ee barbaachisaa dha
.  dhalootni addunyaa kun yeroo amman kana kan  barbaachisu nagaa waan ta’eefidha. addunyaa kanarras nagaan waan dhibeef nuti immoo akka nama waaqayyo tokkootti akkamittiin nagaa argachuu akka dandaa’amu  kitaaba  kana  keessatti kan ilaallu taa’a.waan maara addunyaa kanarrattii hojjeechuuf nyaachuuf dhuguuf,ka’uuf taa’uuf waanti nu barbaachisu  hunda dura angafni nagaadha.nagaa gaafa jennu gabaabadhumatti  boqonnaa sammuu,boqonnaa lubbuu fi boqonnaa hafuuraa jechuudha
’Gatiin nagaa meeqaa?kopheen ati keewwattu gatiinsaa beekamaa dha,nyaatni ati nyaattu,manni ati keessa jirtu,konkolaatan ati qabattee deemtu,Mobaayeliin ati qabdu sun,qubaalan quba kee irra jiru,waanti ati qaba jettu hedduunsaa gatii qaba kennaa waaqayyo uumamaan si badhaase irraan kan hafe hundumtuu isaa waanti irra lafaa irratti ilaaltu kun gatii qaba mee taa’i ilaali waantoota gatii gurguddaa qaban kana hojjechuuf ittiin jiraachuudhaaf kan nu gargaaru yoo nagaa qabaatte qofaadha’’ gatiin nagaa meeqaa? Akka keetti isa gatiin itti ba’ee sirka jirutti moo isa gatii isaa hin beeknee nagaa dhaaf bakka kennitee kunuunsa jirta?                                    Waaqtolaa Caalaa (Dr)
Nagaan maali? Nagaa akkamitti argamaa? Eesaa dhufaa? Bu’urri nagaa keenyaa eenyu akka ta’e yoo hubanne nagaan eessaa akka dhufu barun nu hin dhibuu.
Beeka ta’ee wallaalaa , sooressa ta’e hiyyeessa isa barate isa inni hin baranne
Nama guddaa ta’e xinnaa, dargaggeessa ta’e shamarree, nagaa ni barbaadduu?  jedhanii osoo gaafannee, lakki ani nagaa hin barbaadu kan jedhu hin jiru. Maaliif yoo jenne namni Biyyaa lafaa kana irra jirachuuf bu’urrii jireenya isaa nagaa waan ta’eefi!!

Reviews

There are no reviews yet.

Be the first to review “Nagaa Guutuu Waaqtolaa Caalaa (Dr)”
Review now to get coupon!

Your email address will not be published. Required fields are marked *